GARGAARSA WAAQA IRRAA - Oromiffa
GARGAARSA WAAQA IRRAA
"GARGAARSA WAAQA IRRAA" kan jedhu kun kan qophaa'e kutaalee macaafa
Qulqulluu garaa garaa ergaa mata duree kanaa qaban walitti funaanuudhaan. Hunda caalaa
caaffata qullaa'oo kan ibsuu dand'u Macaafa Qulqulluu akka ta'e nan amana.
Sagaleen Waaqayyoo olii dhufa Waaqayyo biraa. Sagaleen Waaqayyoo kun warra yaadi
garaa isaanii waanta qajeelaa hawwu guddaa gargaara. Yeroo namni cubbuu isaatti
gaabbu, Yesuus Kiristoos gara isaa akka dhufu yeroo kadhatu, gooftaan Yesuus fayyisaa isaa akka
ta'e garaa guutuu yoo amane, gooftaan Yesuus Kiristoos gara nama kanaa dhufa, nagaa fi
gammachuus ni kennaaf. Anis ayyaana kana bara 1937 ttan fudhadhe, yeroo sanaa eegalee
quunnamtii dinqisiisaan isaa wajjin qaba.
Isinis hanga ammaatti yoo Gooftaa kana fayyisaa keessanii fi Gooftaa keessan
godhattanii hin fudhanne ta'e akka isin ammuma kana isatti amantaniif garaa guutuun isin
kadhadha! –Waatson Gudmaan
JAALALA
WAAQAYYOO —1
Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kiristoos nuuf du'uu
isaatiin hammam akka nu jaallate ni argisiisa. –Gara Warra Roomaa 5:8
Ayyaana Faasiikaa dura, Yesuus biyya lafaa kana keessaa gara abbaa dhaquuhaaf
yeroon isaa akka ga'e ni beeke; inni biyya lafaa kana keessatti kan isaa warra ta'an akkuma
jaallate, hamma dhumaatti jaalala guutuu isaan argisiise. –Wangeela Yohannis 13:1
"Namni tokko firoota isaatiif jireenya isaa dabarsee kennuu irra kan caalu,
jaalala guddaa qabaachuu hin danda'u." –Wangeela Yohannis 15:13
Yesuus Kiristoos dhuga-baatuu amanamaa dha, inni warra du'an keessaa angafa
ta'ee kaafame, mootota lafa kanaas ni abbooma. Inni nu jaallatee, dhiiga isaa isa nuuf
dhangala'een cubbuu keenya irraa nu
fure.
–Mul'ata Yohannis 1:5
"Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa
jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf
miti." –Wangeela Yohannis 3:16
Ammas Waaqayyo fagootti anatti mul'atee, saba kanaan, "Ani jaalala bara
baraatiin si jaalladheera, kanaafan gaarummaa kootiin ofitti si dhi' eesse..."
jedhe. –Macaafa Ermiyaas Raajichaa 31:3
WAAQAYYUMMAA YESUUS KIRISTOOS —2
Nama Waaqayyoo ta'uu keessa iyyuu dhoksaan guddaan akka jiru amanamaa dha;
kanaafis, "Inni foon uffatee mul'ateera, hafuurichi dhugaa galcheeraaf, ergamoota
Waaqayyootti argameera, saba biyya lafaa keessatti lallabameera, guutummaa biyya lafaa
keessatti itti amanameera, ulfinaan ol fudhatameera" jedhamee himameera. –1 Gara
Ximotewos 3:16
Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture,
sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture. Sagalichis nama foonii ta'ee, nu gidduus buufate. Ulfina isaa isa
ayyaanaa fi dhugaadhaan guutes argine; ulfinni isaas isa ilmi tokkichi abbaa isaa irraa
argatu ture. –Wangeela Yohannis 1:1 fi 14
Kun hundinuu inni Waaqayyo gooftaan afaan raajichaatiin dubbate akka
raawwatamuuf ta'e. Innoo, "Kunoo durbi ni ulfoofti ilmas ni deessi, maqaa isaas ‘Amaanu'el'
jedhanii ni moggasu" jedhe, "Amaanu'el" jechuun "Waaqayyo nuu wajjin jira" jechuu
dha. –Wangeela Maatewos 1:22, 23
"Abbaanii fi ani tokko" isaaniin jedhe. –Wangeela Yohannis 10:30
Yesuus deebisee, "Utuma ani yeroo dheeraa hammana ga'u isinii wajjin
jiraadhuu iyyuu ana hin beeknee, Filiphos? Namni ana arge abbaa arge; attamitti, ‘Abbaa nu argisiisi'
jetta ree? Ani abbaa keessa, abbaanis ana keessa akka jiru hin amantuu ree? Abbaa isa ana
keessa jiraatutu hojii isaa hojjeta malee, dubbii ani isinitti dubbadhu hundumaa ofuma kootiin
hin dubbadhu." –Wangeela Yohannis 14:9, 10
YESUUS ILMA
WAAQAYYOO —3
Namni Yesuus ilma Waaqayyoo ta'uu isaa amanee yoo beeksise, Waaqayyo isa keessa,
innis Waaqayyo keessa ni jiraata. –1 Ergaa Yohannis 4:15
Ergamichi immoo, "Hafuurri qulqulluun si irra ni bu'a, humni abbaas si
golbooba, kanaafis mucichi si irraa dhalatu kun qulqulluudhaa fi ilma Waaqayyoo jedhamee ni
waamama." –Wangeela Luqaas 1:35
Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii
isaa irra jira; maqaan isaa, "Gorsaa, dinqii, waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa
nagaa" ni jedhama. –Macaafa Isaayaas Raajichaa 9:6
Utuu inni kana dubbachaa jiruu, kunoo duumessi ifa of keessaa qabu tokko
isaanitti uffise. Sagaleenis duumessicha keessaa dubbatee, "Kun ilma koo isa ani jaalladhu,
gammachuun koos isatti ni raawwatama; isa dhaga'aa!" jedhe. –Wangeela Maatewos 17:5
Namichi immoo, "Inni isa kam? Yaa gooftaa, anatti himi, itti nan
amana!" jedhee deebiseef. Kana irratti Yesuus, "Isa'oo dur argite, inni amma sii wajjin dubbachaa
jirus isuma" jedheen. –Wangeela Yohannis 9:36, 37
Guutummaan Waaqayyummaa namummaa Kiristoos keessa ni jiraata. –Gara
Warra Qolosaayis 2:9
YESUUS EENYU AKKA TA'E NUTTI HIMA —4
Inni immo, "Isin kan goodaa kanaa ti, ani immoo kan gubbaa sanaa ti; isin
kan biyya lafa kanaa ti, ani garuu kan biyya lafaa kanaa miti. Yesuus immoo deebisee, "Dhuguma,
dhuguman isinitti hima, Abrahaam utuu hin dhalatin iyyuu ani jiran ture" isaaniin jedhe. –Wangeela
Yohannis 8:23 fi 58
Dubartittiin immoo deebiftee, "Masiihiin inni Kiristoos jedhamu akka dhufu
anuu beeka; inni gaafa dhufe waan hundumaa nutti ni hima" jette. Yesuus yommus, "Inni
amma sii wajjin dubbachaa jira; kunoo, ani isa" ittiin jedhe. –Wangeela Yohannis 4:25, 26
Yommus Yesuus, "Ana buddeenni jireenyaa, gara koo kan dhufu hin beela'u,
kan anatti amanus matumaa hin dheebotu." –Wangeela
Yohannis 6:35
"Biyya lafaa Keessa hamman jirutti, ani ifa biyya lafaa ti" isaaniin
jedhe. –Wangeela Yohannis 9:5
Yesuus ammas "Dhuguma, dhuguman isinitti hima, ana balballi hoolotaa!"
–Wangeela Yohannis 10:7
Yesuus garuu, "Du'aa ka'uun, jireenyis ana; namni anatti amanu yoo du'e
iyyuu ni jiraata." –Wangeela Yohannis 11:25
"Barsiisaa, gooftaas" jettanii na waamtu, isin akkuma jettan iyyuu ani
isa. –Wangeela Yohannis 13:13
Yesuus deebisee, "Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee,
eenyu iyyuu gara abbaa hin
dhufu." –Wangeela Yohannis 14:6
DINQII YESUUS
HOJJETE KEESSAA —5
Kana booddee marguma sana irra akka taa'aniif tuuta sana abboomee, buddeena
shananii fi qurxummii lamaan fuudhee, gara waaqaatti ol ilaalee, eebbisee cabsees, buddeena
sana bartoota isaatti kekkenne; bartoonni immoo tuuta sanaaf ni dhi'eessan. Isaan hundumtinuu
nyaatanii ni quufan; ergasii bartoonni hurraa isaan irraa hafe gundoo kudha lama guutuu
fuudhan. Warri nyaatanis dubartootaa fi ijoollee malee dhiirri akka kuma shanii turan.
–Wangeela Maatewos 14:19-21
Simoon immoo deebisee "Yaa barsiisa, eda halkan guutuu baay'ee itti
dadhabne, homaas hin qabne, amma garuu erga ati dubbattee dubbii keetiif jedhee kiyyicha nan
darbadha" jedheen. Isaan kiyyoo isaanii yommuu darbatan, kiyyoon isaanii hamma tarsa'uu ga'utti,
qurxummii danuu
qabatan. –Wangeela Luqaas 5:5, 6
Kunoo, namoonmi jaamonni lama karaa bukkee ni taa'u turan; isaanis Yesuus achiin
darbaa akka ture dhageenyaan iyyanii, "Gooftaa, yaa ilma Daawit nu maari!"
jedhan. Yommus Yesuus dhaabatee isaan waamee, "Maal akkan isiniif godhu barbaaddu?" jedhe.
Isaan immoo deebisanii, "Gooftaa, ija keenya akka nuuf bantu" jedhaniin. Yesuusis
gara-laafinaan ija isaanii qaqqabnaan, achumaan agartuun isaanii deebi'eefii, isa duukaas bu'an.
–Wangeela Maatewos 20:30 fi 32b-34
YESUUS KIRISTOOS UUMAA FI GOOFTAA DHA —6
Wanti waaqa keessa jiruu fi wanti lafa irra jiru hundinuu, wanti ijaan argamuu
fi wanti ijaan hin argamne, warri teessota irra taa'anii fi warri mootummaa qaban, warri bantii
waaqaa keessaa gooftummaa fi aboo qabu jedhamanii sodaataman isaan uumaman; wanti hundinuu
karaa isaa uumame, isaafis uumame. –Gara Warra Qolosaayis 1:16
Wanti hundinuus isumaan ta'e; waan ta'e keessaas isa malee kan ta'e tokko illee
hin jiru. –Wangeela Yohannis 1:3
Arrabni hundinuus, ulfina Waaqayyoo abbaatiif, Yesuus Kiristoos gooftaa akka
ta'e beeksisuuf jiru. –Gara Warra Filiphisiiyus 2:11
Bara duriitti Waaqayyo si'a baay'ee karaa garaa garaatiin, raajotaan abboota
keenyatti dubbateera. Guyyoota bara isa dhumaa kanatti immoo ilma isaatiin nutti dubbate;
Waaqayyoo ilma isaa kanaan waaqaa fi lafa uume, waan hundumaas harka isaatti kennuuf isa
dhaabe. –Gara Ibrootaa 1:1, 2
"Egaa Waaqayyo, Yesuus isa isin muka irratti fanniftan kana gooftaadhaa fi
Masiihii akka godhe, Israa'elonni hundinuu utuu hin mamin haa beekan!"
jedhe. –Hojii
Ergamootaa 2:36
Gooftaa warra du'aniif warra jiranii ta'uudhaaf, Kiristoos du'ee deebi'ee
jiraate. –Gara Warra Roomaa 14:9
Waaqayyo, inni gara tokkummaa ilma isaa Yesuus Kiristoos gooftaa keenyaatti isin
waame, amanamaa dha. –1 Gara Warra
Qorontos 1:9
YESUUS KIRISTOOS ABBAA
ALANGAA OL-AANAA DHA —7
Ati garuu maliif obboleessa keetti faradda ree? Yookiis ati maaliif obboleessa
kee ceephaata ree? Hundumti keenya barcuma firdii Waaqayyoo duratti dhi'aachuuf
jirra. –Gara Warra Roomaa 14:10
Waaqayyo duratti, Kiristoos Yesuus isa warra jiranii fi warra du'anitti faraduuf
jiru durattis, maqaa isa deebi'ee mul'atee, mootummaa isaas argisiisu sanaan cimsee sin gorsa.
–2 Gara Ximotewos 4:1
Yesuus ammoo, "Ilmi namaa ulfina isaatiin, ergamoonni Waaqayyoos hundinuu
isaa wajjin ni dhufu; yommus inni teessoo ulfina isaatii irra ni taa'a. Yommus namoonni biyya
lafaa hundinuu fuula isaa duratti walitti ni qabamu; tikseen, hoolota re'ootattii akka gargar
fo'u, innis namoota sana gargar ni fo'a." –Wangeela Maatewos 25:31, 32
"Abbaan ofii isaatii homaattuu hin faradu, firdii hundumaa harka ilma
isaatti kenneera malee." –Wangeela Yohannis 5:22
Akka Wangeela ani barsiisuutti, guyyaa Waaqayyo harka Yesuus Kiristoosiin
dhoksaa namootaa bakkee baasee faradutti, wanti kun ni beekama. –Gara Warra Roomaa 2:16
"Inni Wangeelicha namootatti akka lallabnuuf, warra jiranii fi warra du'an
irratti abbaa firdii ta'ee moosifamuu isaas, akka dhugaa banuuf nu
abboomeera." –Hojii Ergamootaa 10:42
FAYYINNI KARAA KIRISTOOS QOFA —8
"Balbalichi ana, inni anaan ol galu ni fayya; ol ni gala, gadis ni ba'a,
dheedichas ni argata." –Wangeela Yohannis 10:9
Yesuus deebisee, "Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee,
eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu." –Wangeela
Yohannis 14:6
"Cubbuu keessaniin akka duutan isinitti himeera; ani eenyu akkan ta'e
beektanii yoo amanuudhaabaattan, cubbuu keessaniin ni duutu" isaaniin
jedhe. –Wangeela Yohannis 8:24
Inni isa waan hundumaa fiixaan baase ta'ee erga argamee immoo, warra isaaf
abboomaman hundumaaf sababii fayyina bara baraa ta'e. –Gara Ibrootaa 5:9
Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir'ateera. Isaanumti immoo
ayyaana Waaqayoo isa karaa furii Yesuus Kiristoos tola isaaniif kennameen, qajeelota ni
ta'u. –Gara Warra Roomaa 3:23, 24
Kana irraa kan ka'es inni yeroo hundumaa isaaniif kadhachuudhaaf waan jiraatuuf,
warra karaa isaa gara Waaqayyootti dhi'aatan hamma dhumaatti fayyisuu ni
danda'a. –Gara Ibrootaa 7:25
"Fayyinnis Yesuus Kiristoos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee
hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin
kennamne" jedhe. –Hojii Ergamootaa 4:12
Waaqayyo karaa gooftaa keenyaa Yesuus Kiristoos fayyina akka argannuuf malee
dheekkamsaaf yaadee nu hin qopheessine. –1 Gara Warra Tasaloniiqee 5:9
FAYYINNI
KARAA KIRISTOOS QOFA —9
Kiristoos Yesuusitti jiraachuun keessan Waaqayyo biraa ta'e; Waaqayyo
Kiristoosiin ogummaa keenya nuuf godhe. Isumaan qajeelota taanee, Waaqayyoof qulqulloofnee ni
furamna. –1 Gara Warra Qorontoos 1:30
Inni seera irra-daddarbuu hundumaa jalaa nu furuudhaaf, saba fo'amaa warra hojii
gaariitiif hinaafan ofii isaatiif qulleessuudhaaf, ofii isaa nuuf
kenne. –Gara Tiitoos 2:14
Abbaa keenya isa ifa waaqa irraattii qooda warra isaaf qulqulla'anii keessaa
hirmaachuu isin dandeessiseef galata dhi'eessaa! Inni aboo dukkanaa jalaa nu baasee, gara
mootummaa ilma isaa isa jaallatamaatti nu dabarse. Ilma isaa kanaan furamuu dhiifamuu cubbuus
arganneerra. –Gara Warra Qolosaayis 1:12-14
"Ilmi namaa isa bade barbaaduudhaaf fayyisuudhaafis dhufeera"
jedhe. –Wangeela Luqaas 19:10
Isaan faarfannaa haaraa yommuu faarfatan, "Ati macaaficha fudhachuudhaaf,
mallattoo isaas banuudhaaf kan maltee dha; ati ofii keetii qalamtee, gosa hundumaa keessaa,
afaan hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, saba hundumaa keessaas, namoota dhiiga keetiin
Waaqayyoof bitte." –Mul'ata Yohannis 5:9
Kiristoos akkuma nu jaallate, isinis immoo jaalalatti jiraadhaa! Inni aarsaa
fooliin isaa tolu, qalma Waaqayyoof dhi'aatus godhee nuuf jedhee dabarsee of
kenneera. –Gara Warra Efesoon 5:2
DHIIGA KIRISTOOSIIN QULQULLAA'UU —10
Kanaafis amma nuyi dhiiga isaa isa dhangala'een qajeelota erga taanee, hammam
caalaatti isumaan immoo dheekkamsa Waaqayyoo jalaa ooluuf
jirra! –Gara Warra Roma 5:9
Akka badhaadhummaa ayyaana isaattis Kiristoos dhiiga isaa nuuf dhangalaasuu
isaatiin furamuu, dhiifamuu cubbuus qabna. –Gara Warra Efesoon 1:7
Akka jireenya keessanii isa abboota keessan irraa isinitti darbee, isa waa'ee
hin baafne sana jalaa, wanta badu waan akka meetii yookiis warqeetiin akka hin furamin, isin
iyyuu ni beektu. Garuu Kiristoos dhiiga isaa isa gati-jabeessaan, isin fureera; inni akka hoolaa
mudaa yookiis xurii hin qabnee ti. –1 Ergaa Phexros 1:18, 19
Akka inni ifa keessa jiru, nuyis ifa keessa yoo deddeebine, nuyi walii keenyaa
wajjin tokkummaa qabna, dhiigni ilma isaa Yesuus immoo cubbuu hundumaattii nu
qulleessa. –1 Yohannis 1:7
Dhiigni Kiristoos isa hafuura bara baraatiin, aarsaa mudaa hin qabne godhee ofii
isaa Waaqayyoof dhi'eesse immoo, isin hojii isa du'atti geessu dhiiftanii, Waaqayyo
isa jiraataadhaaf hojjetoota akka taataniif, hammam guddaa caalchisee yaada garaa keessanii haa
qulleessu ree? –Gara Ibrootaa 9:14
Kana duwwaas miti, gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin amma araara waan qabnuufis
Waaqayyotti gammaduu keenya ni himanna malee. –Gara Warra Roomaa 5:11
KIRISTOOSITTI AMANUUDHAAN FAYYUU —11
Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan; inni immoo kennaa
Waaqayyoo ti malee, gochaa ofii keessanii miti; hojiidhaanis miti, namni tokko illee akka
ittiin of hin janyetti. –Gara Warra Efesoon 2:8, 9
Kanaafis amantiidhaan qajeelota erga taanee, gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin
Waaqayyo biratti nagaa
qabna. –Gara
Warra Roomaa 5:1
Kiristoos Yesuusiif amantii jaalalaan hojjetutu gatii qaba malee, dhagna
qabachuu yookiis dhagna qabachuu dhiisuu miti. –Gara Warra Galaatiyaa 5:6
"Gooftaa Yesuusitti amani, ati ni fayyita...." –Hojii Ergamootaa 16:31
Sababii namni mucaa Waaqayyoo ta'e hundinuu biyya lafaa mo'uuf, ba'aa ulfaatoo
itti hin ta'an; humni ittiin biyyi lafaa mo'amu kunis amantii
keenya. –1 Ergaa Yohannis 5:4
Isaan immoo, "Egaa hojii Waaqayyoof akka dhamaanuuf maal gochuutu nuuf
ta'a?" jedhanii isa gaafatan. Yesuus deebisee, "Isa inni ergetti amanuu keessaniin hojii
Waaqayyoo ni hojjettu" jedheen. –Wangeela Yohannis 6:28, 29
Isaan kun garuu, Yesuus, Kiristoosicha, ilma Waaqayyoo ta'uu isaa akka
amantaniif, amanachuu keessaniinis maqaa isaatti jireenya akka qabaattaniif
caafaman. –Wangeela Yohannis 20:31
ARAARA WAAQAYYOO —12
Waaqayyoof, abbaa gooftaa keenyaa Yesuus Kiristoos, abbaa araara hundumaaf,
Waaqayyo jajjabina hundumaaf galanni haa ta'u! –2 Gara Warra Qorontos 1:3
Yaa Waaqayyo, Kan akka kee cubbuu namaaf dhiisu eenyu ree? Ati dhuunfaa kee kan
ta'an keessaa warra hafaniif balleessaa isaanii irra ni darbitaaf; ati gaarummaatti in
gammadda malee, dheekkamsa keessa hin ooltu.
–Macaafa Miikiyaas Raajichaa 7:18
Gaarummaan kee hamma bantii waaqaa gararraatti ni guddata, amanamummaan kees
hamma duumessaa ni ga'a. –Macaafa Faarfannaa 108:4
Araarri Waaqayyoo dhuma waan hin qabneef, gaarummaa isaa irraa kan ka'e badiisa
keessaa baraaramne. Araarri isaa ganama ganama ni haareffama, amanamummaan isaas baay'ee
dha. –Faaruu Ermiyaas 3:22, 23
Bantiiwwan waaqaa lafa irraa fagaachuun isaanii guddaa akka ta'e, gaarummaan
Waaqayyoos akkasuma warra isa sodaataniif guddaa jabaa dha. Gaarummaan Waaqayyoo garuu
baraa hamma bara baraatti, warra isa sodaataniif, qajeelummaan isaas ijoollee ijoollee
isaaniitiif itti ni fufa. –Macaafa Faarfannaa 103:11, 17
Waaqayyo hojii nuyi qajeelummaadhaan hojjenneef utuu hin ta'in, akka araara
isaatiitti dhiqannaa lammaffaa dhalachuutiin, haaressuu hafuura qulqulluutiinis nu fayyise.
–Gara Tiitoos 3:5
WAAQAYYO GARA ISAA
AKKA DHAQNUUF NU AFEERA —13
"Kottaa mee walii wajjin dhugaa ni baafnaa cubbuun keessan akka dhiigaa yoo
isin diimesse iyyuu, akka caabbii ni addaattu, diimaa biluus yoo isin godhe iyyuu, akka jirbii
iddamaa adii ni taatu." –Macaafa Isaayaas Raajiicha 1:18
Hafuurichii fi misirrottiin, "Kottu" ni jedhuun, namni kana dhaga'us
"Kottu" haa jedhu! Namni dheebote haa dhufu, namni bishaan barbaadus utuu gatii hin baasin bishaan
jireenya kennu haa fudhatu! –Mul'ata Yohannis 22:17
Waaqayyo, "Isin warri dheebottan hundinuu gara bishaanii kottaa! Warri
horii hin qabnes kottaa! Midhaan bitadhaatii nyaadhaa, kottaatii utuu horii itti hin baasin daadhii
waynii fi aannan bitadhaa!" –Macaafa Isaayaas Raajichaa 55:1
Guyyaan dhuma ayyaanichaa guyyoota sana hunduma irra caalaa guddaa ture; guyyaa
sanatti Yesuus ka'ee dhaabatee, sagalee isaa ol fudhatee, "Namni dheebote yoo
jiraate gara koo haa dhufu, haa dhugus."
–Wangeela
Yohannis 7:37
Yesuus garuu yommuu kana arge aaree, bartoota isaatiin, "Lakkisaa mucooliin
gara koo haa dhufan, hin dhowwinaa! Mootummaan Waaqayyoo warra akkasiitiif ta'a." –Wangeela
Maarqos 10:14
Yesuus itti fufee, "Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba'aanis kan
isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan
kenna." –Wangeela Maatewos 11:28
NAMA TA'ANIIF IJOOLLEE WAAQAYYOO TA'U MITI —14
Namni waan qajeelaa hin hojjenne, obboleessa isaa hin jaalannes hundinuu, kan
Waaqayyoo miti; ijoolleen Waaqayyoo fi ijoolleen seexanaas kanaan ni
beekamu. –1 Ergaa Yohannis 3:10
Warri hafuura Waaqayyootiin geggeeffaman hundinuu ilmaan Waaqayyoo ti.
Hafuurichi isin fudhattan hafuura ilmummaatti guddifamuu ti malee, hafuura garbummaa isa sodaa
jalatti isin deebisu miti; hafuura kanaanis, "Abbaa Keenya" jennee Waaqayyoon ni
waammanna. –Gara Warra Roomaa 8:14, 15
Ijoollee Waaqayyoo warra waan ittiin komataman hin qabne, warra mudaa,
haxxummaas hin qabne akka taataniif, isinis dhaloota micciiramaadhaa fi karaa irraa kaate
gidduutti biyya lafaa irratti akka ibsaa ni ibsitu.
–Gara Warra Filiphisiiyus 2:15
Iddoo biraattis immoo, "Isaan keessaa adeemaa, ittii gargar ba'aas; wanta
xuraa'aa harkaan hin qabinaa! Anis isinan simadha, jedha gooftaan." Akkasumas immoo, "‘Ani
abbaa isiniif nan ta'a, isinis ilmaan koo intaloota koos ni taatu,' jedha gooftaan inni hundumaa
danda'u." –2 Gara Warra Qorontos 6:17, 18
Hamma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta'aniif aboo isaaniif kenne;
isaanis warra maqaa isaatti amananii dha. –Wangeela Yohannis 1:12
WAA'EE DHUGAATII NAMA MACHEESSUU —15
WAAN SAGALEEN WAAQAYYOO JEDHU
Hojiin foonii mul'ataa dha. Isaanis halalummaa, xuraa'ummaa, jireenya
gad-dhiisii, waaqayyolii tolfaman waaqessuu, qoricha namatti gochuu, diinummaa, qoccolloo, hinaaffaa,
dheekkamsa, ofittummaa, yaadaan gargar ba'uu, barsiisaan gargar cabuu, weennoo, machii,
albaadhummaa, wanta kana fakkaatus. Akkuma ani kanaan dura isinitti himee ture, warri wanta
akkasii hojjetan mootummaa Waaqayyootti galuu akka hin dandeenye ammas isinitti nan hima.
–Gara Warra Galaatiyaa 5:19-21
Kottaa amala keenya tolfannee akka warra ifa guyyaa keessa deddeebi'aniitti
jiraanna malee, albaadhummaatti yookiis machiitti, halalu- mmaatti yookiis gad-dhiisiitti, nama
loluutti yookiis weennootti hin jiraannu. Gooftaa Yesuus Kiristoosiin akka uffata sibiilaatti
uffadhaa malee, hawwa namummaa foonii raawwattanii isas gammachiisuudhaaf garaa hin kenninaa!
–Gara Warra Roomaa 13:13, 14
Daadhiin waynii yommuu diimatu, bifni isaas shurrubbee keessaa yommuu calaqqisu,
yommuu inni miyaa'aa gad lixu si hin gomjaasisin! Innoo erga isa dhuganii booddee akka
bofaa nama ni idda, akka hadhaa mar'ataas nama ni miidha. –Macaafa Fakkeenyaa 23:31, 32
Daadhiin waynii ga'iftuu nama godha, dhugaatii jabaanis nama ni wacisiisa; namni
isaaniin machaa'ee gatantarus ogeessa miti. –Macaafa Fakkeenyaa 20:1
NAMA GAARII TA'UU QOFTI HIN GA'U —16
Yommus Yesuus deebisee, "‘Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan,
jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta'a.' Abboommiin
hundumaa irra caalu inni duraa isa kana." –Wangeela Maatewos 22:37, 38
Yesuus adeemuudhaaf karaa irra yommuu bu'utti, namichi tokko itti fiigee, fuula
isaa durattis jilbeenfatee, "Yaa barsiisaa gaarii! Jireenya bara baraatti galuudhaaf maal
gochuutu anaaf ta'a?" jedhee gaafate. Yesuus immoo, "Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo isa
tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru. Abboommiin, ‘Hin ajjeesin,
hin ejjin, hin hatin, sobaan nama irratti dhugaa hin ba'in, gowwoomsaadhaan hin fudhatin, abbaa kee fi
haadha keef ulfina kenni!' akka jedhu ni beekta" jedheen. Namichi immoo deebisee,
"Barsiisa! kana hundumaa ijoollummaa kootii jalqabee raawwadheera" jedheen. Yesuus ilaalee
isa jaallatee,
"Waan tokkotu si duraa hir'ata. Dhaqii, waan qabdu gurgurii, warra
deegaadhaafis kenni, waaqa irratti badhaa- dhummaa ni qabaatta; isa booddee immoo kottuu ana duukaa
bu'i"! jedheen. Namichi kana yommuu dhaga'e qabeenya guddaa qaba waan tureef, bifni isaa
geddaramee, gaddees achii adeeme. –Wangeela
Maarqos 10:17-22
Karaan qajeelaa namatti fakkaatu jira, dhumni isaa garuu karaa du'aa ti. –Macaafa Fakkeenyaa 16:25
HIN
GOWWOOMINAA —17
Waaqayyo kan itti ga'isan miti'oo, hin gowwoominaa! Namni immoo waanuma facaase
ni galfata. –Gara Warra Galaatiyaa 6:7
Yaa ijoollee ko, homtinuu karaa irraa isin hin kaachisin! Inni sun qajeelaa akka
ta'e, namni waan qajeelaa hojjetu qajeelaa dha. Seexanni jalqabaa jalqabee cubbuu waan
hojjeteef, namni cubbuu hojjetu kan seexanaa ti. –1 Ergaa Yohannis 3:7, 8a
Egaa warri jal'oonni mootummaa Waaqayyootti akka hin galle hin bektanii ree? Hin
gowwoominaa! Warri halaleen, warri waaqayyolii tolfaman waaqessan, warri ejjan,
warri gadhaa'an, warri nama gadhoomsanis, warri hatan, warri sassatan, warri
machaa'an, warri maqaa namaa balleessan, warri nama saamanis matumaa mootummaa Waaqayyootti hin
galan. –1 Gara Warra Qorontos 6:9, 10
Sababii wanta kana hundumaatiif dheekkamsi Waaqayyoo warra isaaf hin abboomamne
irratti ni dhufa; homtinuu dubbii hundee hin qabneen isin hin
gowwoomsin! –Gara Warra Efesoon 5:6
Warra dubbicha hojii irra oolchan ta'aa malee, warra dhaga'uu duwwaadhaan of
gowwoomsan hin
ta'inaa! –Ergaa Yaaqoob 1:22
Namni waanuma tokkoof dhimma kan hin baafne ta'ee utuu jiruu, nama dhimma baasu
yoo of se'e inni of ni gowwoomsa. –Gara Warra Galaatiyaa 6:3
"Baay'een, ‘Ani Masiihii dha' jechaa maqaa kootiin ni dhufu, namoota
baay'ees ni wallaalchisu." –Wangeela Maatewos 24:5
CUBBUUN DU'A FIDA —18
Egaa cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu
akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal ga'e.
–Gara Warra Roomaa 5:12
Kajeellaan hamaan erga iddoo ga'ee cubbuu ni dhala; cubbuunis erga raawwatamee
du'a ni dhala. –Ergaa Yaaqoob 1:15
Yaada ofii fedha fooniitti hidhuun du'a ni fida; yaada ofii fedha hafuuraatti
hidhuun garuu, jireenya, nagaas ni fida. Akka fedha fooniitti yaaduun diina Waaqayyoo nama
godha; yaadni akkasii seera Waaqayyootii wajjin walii hin galu; isaaf abboomamuus hin danda'u.
–Gara Warra Roomaa 8:6, 7
"Lubbuun isa cubbuu hojjetuu haa du'u! Ilmi yakka abbaa hin baatin!
Abbaanis yakka ilmaa hin baatin! Qajeelinni nama qajeelaa isumaaf haa lakkaa'amu! Jal'inni nama jal'aas
isuma irraa haa barbaadamu!" –Macaafa Hisqi'el Raajichaa 18:20
"‘Amma garuu obboleessi kee kun du'ee kan ture deebi'ee waan jiraateef,
badees kan ture waan argameef cidha godhachuunii fi gammaduun nuuf ni ta'a' jedhee deebiseef"
jedhe. –Wangeela Luqaas 15:32
Qajeelummaan gara jireenyaatti, wanta hamaa duukaa bu'uun garuu gara du'aatti
nama ni geessa.
–Macaafa Fakkeenyaa 11:19
KIRISTOOS DU'A
MO'E —19
Akka qulqullummaa isaa isa hafuuraatti immoo, warra du'an keessaa ka'uudhaan
Yesuus Kiristoos gooftaan keenya ilma Waaqayyoo ta'uun isaa humnaan
beeksifameera. –Gara Warra Roomaa 1:4
Kana jedhee sagalee guddaadhaan, "Alaazaar as ba'i!" jedhee waame.
Kanaaf namichi du'ee ture sun awwaalicha keessaa gad ba'e; miilla isaa lamaanii fi harka isaa
lamaanitti wayyaan hidhamee, fuula isaattis uffanni maramee ture. Yesuus, "Irraa hiikaatii gad
dhiisaa! Haa dhaqu!" jedhee isaan abboome. –Wangeela Yohannis 11:43, 44
"Lubbuu koo deebisee fudhachuudhaaf dabarsee waanan kennuuf, abbaan koo na
jaallata. Homtinuu lubbuu koo na duraa hin fudhatu, anumatu ofii kootiin kenna malee. Ani
lubbuu koo dabarsee kennuudhaaf, ammoo deebisee fudhachuudhaaf abboo qaba; abboommii kana
immoo abbaa koo biraan fudhadhe" jedhe. –Wangeela Yohannis 10:17, 18
Itti hiiqee siricha harkaan qabnaan, warri baatan ni dhaabatan; inni immoo,
"Dargaggeessa nana, siin nan jedha ka'i!" jedheen. Achumaan inni du'ee ture ol jedhee taa'ee,
dubbachuus jalqabe. –Wangeela Luqaas 7:14, 15a
"Inni jiraatus ana. Takka illee du'een ture, amma garuu kunoo, baraa hamma
bara baraatti jiraachuuttan jira; du'a irratti, balbala iddoo warra du'anii banu irrattis ani
gooftummaa qaba." –Mul'ata Yohannis 1:18
Hundumaa booddee diina keenya du'atu
golgoleeffama. –1 Gara Warra Qorontos 15:26
ABBOOMMII WAAQAYYOO —20
"[Waaqayyo gooftaan,] ‘waaqayyolii kan biraa tokko illee ana biratti hin
qabaatin!
‘Bifa qirixame, fakkeenya wanta ol waaqa irra jiruu, gad lafa irra jiruu
yookiis bishaan keessa lafa jala jiruu hin tolfatin! Ati bifa fakkeenyaa kanaaf hin sagadin....
‘Waaqayyo nama akkasumaan maqaa isaa dha'u adaba malee waan hin dhiifneef, ati
maqaa Waaqayyoo gooftaa keetii akkasumaan hin dha'in!
‘Waaqayyo gooftaan kee akka si abboometti, guyyaa Sanbataa qulqullinatti eegi!
Guyyaa ja'a hojii kee hojjedhu....
‘Akkuma Waaqayyo gooftaan kee si abboometti abbaa kee fi haadha keef ulfina
kenni!
‘Hin ajjeesin!
‘Hin ejjin!
‘Hin hatin!
‘Nama irratti sobaan dhugaa hin ba'in!
‘Haadha manaa namaa duraa fudhachuudhaaf hin hawwin; mana namaa, maasii isaa,
hojjetaa isaa, hojjettuu isaa, qotiyyoo isaa, harree isaa yookiis waanuma kan isaa ta'e
duraa fudhachuudhaaf hin hawwin!'" –Seera Keessa Deebii 5:7-21
WAAQAYYOON
DHOKACHUUN HIN DANDA'AMU —21
"Iji isaa gara karaa namaa ni ilaala, tarkaanfii isaa hundumaas ni arga.
Halkanii fi dukkanni sodaachisaan, lafti warri hamaa hojjetan dhokatan hin
jiru." –Macaafa Iyoob 34:21, 22
"Bantii waaqaa keessatti, lafa irratti, iddoo hundumaattis waanan argamuuf
namni suqaa keessa yoo dhokate ani isa hin arguu ree?" –Macaafa Ermiyaas Raajichaa 23:24
Hafuura kee duraa eessan dhaqa? Fuula kee duraas eessattan baqadha? Bantii
waaqaatti yoon ol ba'e, ati achittis immoo ni argamta! Dukkanni iyyuu si duratti hin dukkanaa'u,
halkan akkuma guyyaa ni ifa; dukkanni immoo akkuma ifaa ni
ta'a. –Macaafa
Faarfannaa 139:7,8 fi 12
Iji Waaqayyoo iddoo hundumaa jira, isa hamaa fi isa gaarii ni
arga. –Macaafa Fakkeenyaa 15:3
Wanti Waaqayyo uume tokko illee isa duraa dhokachuu hin danda'u; wanti hundinuu
saaqamaa ija isaa durattis mul'ataa dha; nus waan goone sababii isaa wajjin isatti himuun
nu irra jira. –Gara Ibrootaa 4:13
Waan tokko illee dhokatee utuu hin mul'atin kan hafu hin jiru, dhoksaatti kan
eegames bakkeetti ba'ee utuu hin dhaga'amin kan hafu hin
jiru. –Wangeela Luqaas 8:17
DHEEKKAMSI BARA BARAA WARRA WAAQAYYO —22
MALEE JIRAATU IRRATTI BARA BARAA
"Ilmi namaa ergamoota isaa ni erga; isaanis karaa Waaqayyoo irraa waan nama
gufachiisu hundumaa, warra hamaa hojjetan hundumaas mootummaa isaa keessaa walitti ni qabu,
boolla ibiddaattis isaan ni darbatu. Achitti boo'ichii fi ilkaan qaruun isaan irra ni
ga'a." –Wangeela Maatewos 13:41, 42
Warri jal'oonni gara iddoo lafa jalaatti gad haa bu'an, lafa irraa warri
Waaqayyoon irraanfatanis akkasuma gad haa lixan. –Macaafa Faarfannaa 9:17
Bantiiwwan waaqaa fi lafti, warri amma jiran kun immoo sagalee Waaqayyoo sanaan
ibiddaan balleeffamudhaaf qopheeffamanii, hamma guyyaa warri Waaqayyo malee jiraatan
firdii argatanii badaniitti kaa'amanii jiru. –2 Ergaa Phexros 3:7
Isaan kun argaa gooftaa duraa, ulfina aangoo isaa duraas fageeffamanii badiisa
bara baraatiin ni adabamu. –2 Gara Warra Tasaloniiqee 1:9
"Harki kee yookiis miilli kee yoo si gufachiise, of irraa murii gati; harka
lama yookiis miilla lama qabaattee ibidda bara baraatti darbatamuu kee mannaa, bu'aan dhagna keetii
hir'uu ta'ee, yookiis hokkolaa taatee jireenyatti galuu siif
wayya." –Wangeela
Maatewos 18:8
"Isaan gara adaba bara baraa, warri qajeelonni garuu gara jireenya bara
baraa ni dhaqu" jedhe. –Wangeela Maatewos 25:46
FIRDIIN HIN
HAFU —23
"Guyyaa itti harka nama fo'ate sanaatiin, biyya lafaatti qajeeltootti
faraduuf jedhu, muree kaa'eera; namicha fo'ate sana du'aa kaasuu isaatiin, kana nama hundumaaf
cimseera" jedhe. –Hojii Ergamootaa 17:31
Egaa gooftichi, namoota Waaqayyoof bulan qorama keessaa baasuu, warra jal'ootaa
immoo hamma guyyaa firdiitti adabaaf kaa'uu ni beeka. –2 Ergaa Phexros 2:9
Namni adduma addaan dhagna isaa kanatti utuu jiruu gaariis ta'e hamaas ta'e,
akkuma hojjetetti waan isaaf ta'u akka argatuuf, nuyi hundumti keenya barcuma firdii Kiristoos
duratti dhi'aachuuf jirra. –2 Gara Warra Qorontos 5:10
Biyya lafaa kana keessatti akkuma Kiristoos jiraatetti jiraachuu keenyaan guyyaa
firdiif ija-jabina qabna; kanaan guyyaa jaalalli Waaqayyoo nu biratti fixaan ba'uu isaa
ti. –1 Ergaa Yohannis 4:17
Namoonni al tokko du'uuf kaa'amaniiru; isa booddee immoo firdiitti ni dhi'aatu. –Gara Ibrootaa 9:27
Warra du'anis xinnaa fi guddaa teessicha dura utuu dhaabatanii nan arge.
Macaafonni ni banaman; macaafni biraa, inni warri jireenya argachuuf jiran itti caafaman
tokkos ni baname; warri du'an immoo akka hojii dur hojjetaniitti, akka isa macaafota keessatti
caafameettis firdii argatan. –Mul'ata Yohannis 20:12
Kanaafis nu keessaa hundumtinuu adda addaan waan godhe sababii isaa wajjin
Waaqayyotti himuuf jira. –Gara
Warra Roomaa 14:12
AYYAANA YESUUS
KIRISTOOS —24
Kennaan Waaqayyo tola kenne garuu, akka irra- daddarbaa sanaa miti. Namoonni
baay'een irradaddarbaa nama tokkootiin yoo du'an, ayyaanni Waqayyoo fi kennaan tolaa inni
isa irra guddaa caalu immoo Yesuus Kiristoos namicha tokkicha sanaan, namoota
baay'eedhaaf ni argama. –Gara Warra Roomaa 5:15
Kanaafis kun akka araara Waaqayyootti malee, akka jaalala yookiis dhama'a
namaatti miti. –Gara Warra Roomaa 9:16
"Waaqayyo warra kooraan ol of qabaniin ni morma, warra gad of deebisaniif
immoo ayyaana ni kenna" ni
jedha. –1 Ergaa Phexros 5:5b
Isinoo gaarummaa gooftaan keenya Yesuus Kiristoos ayyaana isaatiin isiniif kenne
hubattaniittu; inni badhaadhaa utuma jiruu deegaa ta'uu isaatiin isin badhaasuudhaaf isiniif
jedhee deegaa ta'e. –2 Gara Warra
Qorontos 8:9
Garuu lafa irra daddarbuun baay'atetti immoo ayyanni Waaqayyoo caalaatti
baay'ate. Akkuma cubbuun karaa du'aa mo'e, ayyaannis karaa gooftaa keenyaa Yesuus Kiristoos gara
jireenya bara baraatti nu geessuudhaaf qajeelummaadhaan ni
mo'a. –Gara Warra Roomaa 5:20b, 21
Ergamoonnis humna guddaa argisiisuudhaan du'aa ka'uu gooftaa Yesuus dhugaa
ba'an; ayyaana guddaas qabu turan. –Hojii Ergamootaa 4:33
QALBII
DIDDIIRRANNAA —25
"Bara wallaaluma isaanii Waaqayyo namootatti lakkaa'uu dhiiseera; amma
garuu namni hundinuu iddoo hundumaatti yaada garaa isaa akka geddaratu
abboomeera." –Hojii Ergamootaa 17:30
"Waawuu, ani isinittan hima, hundumti keessan yoo yaada garaa keessanii
geddarachuu dhaabaattan akkuma kanatti ni dhumtu." –Wangeela Luqaas 13:3
"Mootummaan Waaqaa dhi'aateeraatii yaada garaa keessanii geddaradhaa!"
jedhe. –Wangeela Maatewos 3:2
Phexros immoo, "Yaada garaa keessanii geddaradhaa; cubbuun keessan akka
isiniif dhiifamuuf, tokkoon tokkoon keessan maqaa Yesuus Kiristoositti cuuphamaa; kennaa Hafuura
Qulqulluus ni fudhattu. Egaa yaada garaa keessanii geddaradhaa, inni cubbuu keessan akka
isiniif haxaa'utti gara Waaqayyootti deebi'aa." –Hojii Ergamootaa 2:38; 3:19
"Irra-daddarbaa ittiin yakkitan hundumaa of irraa
gataa." –Macaafa Hisqi'el Raajichaa 18:31a
Namni irra-daddarbaa isaa dhokfatu, hin hiiqu; namni irra-daddarbaa isaa himatu,
kan dhiisus garuu araara ni argata. –Macaafa Fakkeenyaa 28:13
Akka Waaqayyo biratti fudhatamutti gadduun, yaada garaa geddarachuu fida; inni
immoo gara fayyinaatti geessa malee, nama hin gaabbisiisu; akka biyya lafaa keessatti
fudhatamutti gadduun garuu du'a fida. –2 Gara Warra
Qorontos 7:10
DHIIFAMUU CUBBUU —26
"Garuu namni jal'aan cubbuu hojjete hundumaa irraa deebi'ee seerrata koo
hundumaa yoo eege, wanta dhugaa fi qajeelaa yoo hojjete, inni dhugumaan ni jiraata malee, hin
du'u." –Macaafa Hisqi'el Raajichaa 18:21
Namni jal'aan karaa isaa isa jal'aa haa dhiisu, namni hamaanis yaada isaa isa
hamaa irraa haa deebi'u! Gara Waaqayyo keenyaa isa araarri isaa gudaa ta'eetti haa deebi'u,
innis isa ni maara. –Macaafa Isaayaas Raajzichaa 55:7
"Namootaaf irra-daddarbaa isaanii yoo dhiiftaniif, abbaan keessan inni
waaqa irraa immoo isiniif ni dhiisa." –Wangeela Maatewos 6:14
Yesuus amantii jarreen kanaa yommuu arge, namicha isa dhagni isaa gar tokko
du'een, "Ilma koo, cubbuun kee hundinuu siif dhiifameera"
jedhe. –Wangeela Maarqos 2:5
"Kanaafis karaa Yesuus isa du'aa ka'e kanaan dhiifamuun cubbuu isinitti ni
lallabama. Waaqayyo geddarannaa yaada garaatii fi dhiifamuu cubbuu Israa'eliif kennuudhaaf,
abboomaa fayyisaas godhee gara mirga isaatti ol isa fuudheera." –Hojii Ergamootaa 13:38; 5:31
"Kunoo, ani balbala dura dhaabadhee balbala nan rukuta; namni sagalee koo
dhaga'ee balbala yoo anaaf bane, ani ol nan lixa, isaa wajjinis maaddiitti nan dhi'aadha, innis
anaa wajjin ni nyaata." –Mul'ata Yohannis 3:20
"Yaada garaa geddarachuunii fi dhiifamuun cubbuu maqaa isaatiin
Yerusaalemii jalqabee saba lafa irraa hundumaatti akka lallabamuuf jiru,
caafameera." –Wangeela Luqaas 24:47
HOJII CUBBUU IRRAA ADDAAN
BA'UU —27
Waaqayyo ayyaana isaa isa nama hundumaaf fayyina kennu mul'iseera. Ayyaanni
Waaqayyoo kunis, nuyi Waaqayyo malee jiraachuu, kajeellaa biyya lafaa isa hamaas gannee,
bara kana keessa of qabuutti, qajeelinatti, namoota Waaqayyoo taanee akka jiraannuuf
gorsee, gara gaariitti nu
deebisa. –Gara Tiitoos 2:11, 12
Yaada garaa keessanii wanta waaqa irra jirutti hidhaa malee, wanta lafa irra
jirutti hin hidhinaa! –Gara Warra Qolosaayis 3:2
Hojii dukkanaa, isa wanti dhimma baasu keessaa hin baane, bakkeetti baasaa
malee, ittii hin hirmatinaa! –Gara Warra Efesoon 5:11
Biyya lafaa yookiis waan biyya lafaa jaallachuutti hin hidhaminaa; namni tokko
biyya lafaa jaallachuutti yoo hidhame, Waaqayyo abbaa jaallachuun isa keessa hin jiru. Wanti
biyya lafaa keessa jiru hundinuu, hawwiin foonii, hawwiin ijaas, jireenyaan kooruunis biyya
lafaa keessaa ba'a malee, abbaa biraa hin ba'u. –1 Ergaa Yohannis 2:15, 16
Isin namoota garagaggaltuu nana! Biyya lafaatti michoomuun diina Waaqayyoo akka
nama godhu hin beektanii ree? Namni michuu biyya lafaa ta'uu barbaadu, diina
Waaqayyoo of ni godha. –Ergaa Yaaqoob 4:4
"Dhiqadhaa of qulleessaa, hojii keessan isa hamaas ija koo duraa
balleessaa, hamaa gochuu dhiisaa!" –Macaafa
Isaayaas Raajichaa 1:16
LAMMAFFAA DHALACHUU —28
"Ani garaa haaraa isiniif nan kenna, hafuura haaraas isin keessa nan kaa'a;
ani garaa isa akka dhagaa sana isin keessaa nan baasa, garaa isa akka fooniis isiniif nan
kenna." –Macaafa Hisqi'el Raajichaa 36:26
Inni qajeelaa ta'uu isaa erga beektanii, namni waan qajeelaa hojjetu hundinuu
immoo mucaa Waaqayyoo ta'uu isaa hubachuu ni dandeessu. Namni mucaa Waaqayyoo ta'e cubbuutti
qabamee akka hin jiraanne ni beekna; ilmi Waaqayyoo isa ni eega, inni hamaanis
isa hin tuqu. –1 Ergaa Yohannis 2:29; 5:18
Isin keessaa kaan warra akkasii turan, garuu maqaa gooftaa Yesuus Kiristoosiin,
hafuura Waaqayyo keenyaatiinis cubbuuttii dhiqattaniittu. –1 Gara Warra Qorontos 6:11
Yesuus, "Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee olii yoo dhalachuu
dhaabaate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda'u" jedhee
deebiseef. –Wangeela Yohannis 3:3
Kanaafis namni kan Kiristoos yoo ta'e, uumama haaraa dha, inni moofaan darbe,
kunoo, inni haaraan
dhufeera. –2 Gara Warra Qorontos 5:17
Isin sanyii baduttii utuu hin ta'in, sanyii hin badnettii sagalee Waaqayyoo isa
jiraataa fi isa akka jirutti hafuun, haaraa taatanii dhalattaniittu. –1 Ergaa Phexros 1:23
CUBBUUN DU'UU—KIRISTOOSIIN KA'UU —29
Isin kanaan dura irra-daddarbaa keessanii fi cubbuu keessaniin [karaa hafuuraa]
duutanii turtan. Karaa Kiristoos Yesuus isumaa wajjin du'aa nu kaase, isumaa wajjin bantii waaqaa
keessaa iddoo nuuf kenne, nu teessises. –Gara Warra Efesoon 2:1 fi 6
"Nuyi cubbuu jalaa duunee qajeelinaaf akka jiraannuuf, inni ofii isaatii
cubbuu keenya dhagna isaatiin baatee fannootti ol ba'e; madaa'uu isaatiin isin ni
fayyifamtan." –1 Ergaa Phexros 2:24
Egaa Kiristoosii wajjin du'aa erga kaafamtanii, wanta waaqa keessaa, iddoo
Kiristoos gara mirga Waaqayyoo taa'ee jirutti barbaadaa! Yaada garaa keessanii wanta waaqa irra
jirutti hidhaa malee, wanta lafa irra jirutti hin hidhinaa! Isin duutaniittu; jireenyi keessan
Kiristoosii wajjin Waaqayyo keessa dhokateera. Kiristoos inni jireenya nuuf ta'e yommuu mul'atu
isinis immoo isaa wajjin ulfinaan mul'achuuf jirtu. –Gara Warra Qolosaayis 3:1-4
Warri kan Kiristoos Yesuus ta'an immoo yaada foonii, hawwa isaa, fedha isaas
fannisaniiru. Nuyi jireenya hafuuraatti yoo jiraanne, hafuura kana duukaa bu'uu keenya.
–Gara Warra Galaatiyaa 5:24, 25
Kun matumaa hin ta'u! Nuyi warri cubbuu jalaa duune, si'achi attamitti cubbuu
jala jiraanna ree? Isinis immoo akkasuma akka warra cubbuu jalaa du'anii, karaa Kiristoos
Yesuus Waaqayyoof jiraataniitti of lakkaa'aa!
–Gara Warra Roomaa 6:2 fi 11
JIREENYA BARA BARAA —30
Namni akka yaada foon isaatiitti facaasu, yaada foon isaatii sana irraa badiisa
ni galfata; akka yaada hafuuraatti kan facaasu immoo yaada hafuuraa irraa jireenya bara baraa ni
galfata. –Gara Warra Galaatiyaa 6:8
"Museen lafa onaa keessatti bofa sibiila diimaa muka irratti akka ol
fuudhe, ilmi namaas immoo akkasuma muka irratti ol fuudhamuun ni ta'a. Kunis ilma namaatti kan amanu
hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf ta'a." –Wangeela Yohannis 3:14, 15
"Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesuus Kiristoosiin isa ati ergites
beekuun isaanii jireenya bara baraa ti." –Wangeela
Yohannis 17:3
"Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba; ilma Waaqayyoof
kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irratti hafa
malee" jedhe. –Wangeela Yohannis 3:36
"Dhuguma, dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhaga'ee isa ana ergetti kan
amanu jireenya bara baraa qaba; inni du'a keessaa gara jireenyaatti darbe malee, gara firdii hin
dhaqu." –Wangeela Yohannis 5:24
Nu waamuun isaas akka akeeka isaatii fi akka ayyaana isaa isa durii durii
jalqabee karaa Kiristoos Yesuus nuuf kenneetti malee, akka hojii keenyaatti miti. Amma garuu
ayyaanni isaa dhufa fayyisaa keenyaa Kiristoos Yesuusiin nutti mul'ifameera; inni humna du'aa
cabsee, jireenya, badiisa ooluus karaa wangeelaa ifatti baase.
–2 Gara Ximotewos 1:9b, 10
MIRKANEEFFANNAA FAYYINAA —31
Hafuurri Waaqayyoo hafuura keenyaa wajjin walii galee, ijoollee Waaqayyoo ta'uu
keenya dhugaa ni ba'a. –Gara
Warra Roomaa 8:16
Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf kenne; egaa dhugaan isaa isa kana; jireenyi
bara baraa kunis ilma isaa keessatti argama. Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenyicha qaba; namni
ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu. Isin warri maqaa ilma Waaqayyootti
amantan, jireenya bara baraa qabaachuu keessan akka beektaniifan kana hundumaa isiniif
caafe. –1 Ergaa Yohannis 5:11-13
"Namni abboommii koo qabu, inni isa raawwatus, isa, kana jaallatu; nama na
jaallatu immoo abbaan koo isa jaallachuuf jira, anis isa nan jaalladha, ofii koos isatti
mul'isuufan jira" jedhe. –Wangeela Yohannis 14:21
Iddoo qajeelummaan jiru nagaan jira, iji qajeelummaa bir'aa malee gabiitti
jiraachuu dha. –Macaafa Isaayaas Raajichaa 32:17
Isin ilmaan isaa ta'uu keessan argisiisuudhaaf, Waaqayyo hafuura ilma isaa isa,
"Abbaa abbaa" jedhee waammatu garaa keenya keessatti erge. –Gara Warra Galaatiyaa 4:6
Inni hafuura ofii isaatii irraa waan nuuf kenneef, nuyi isa keessa, innis nu
keessa akka jiraatu ni hubanna. –1 Ergaa Yohannis 4:13
Abboommii isaa eeguudhaan isa beekuu keenya ni
hubanna. –1 Ergaa Yohannis 2:3
KIRISTOOS KEESSA KEENYA SI'A —32
BULU GAMMACHUU NUUF KENNA
"Amma garuu gara kee nan dhufa, isaan immoo gammachuu koo guutummaatti akka
qabaataniif, dubbii kana biyya lafaa keessatti nan dubbadha." –Wangeela Yohannis 17:13
"Garaan keessanis ni gammada, gammachuu keessanis eenyu illee isin duraa
hin fudhatu." –Wangeela Yohannis 16:22b
Isin gammachuudhaan burqaa fayyinaa keessaa, bishaan ni waraabbattu. –Macaafa Isaayaas Raajichaa 12:3
"Egaa si'achi Kiristoos isa ana keessaatu jiraata malee, anatu jiraata
miti; jireenya ani amma fooniin jiraadhu immoo, ilma Waaqayyoo isa na jaallate, ofii isaas dabarsee isa
anaaf kennetti amanuudhaan nan jiraadha." –Gara Warra Galaatiyaa 2:20
"Gammachuun koo isin keessatti akka argamuuf, gammachuun keessanis guutuu
akka ta'uufan kana hundumaa isinitti dubbadhe." –Wangeela Yohannis 15:11
Ati karaa jireenyatti nama geessu na barsiifta, guutummaan gammachuu fuula kee
dura; wanti namatti tolus immoo bara hundumaattuu mirga kee
jira. –Macaafa Faarfannaa
16:11
Isin isa mul'achuuf jiru sana hin argine yoo ta'e iyyuu, isa ni jaallattu; amma
yoo isa arguu dhaabattan iyyuu, isatti ni amantu akkasumas gammachuu akkas jedhamee hin
dubbatamnee fi gammachuu guddaa qabuun ni gammaddu. –1 Ergaa Phexros 1:8
GOOFTADHAAF ABBOOMAMUUN BARBAACHISAA DHA —33
"Isin garuu dubbii Waaqayyoo dhaggeeffachuu diddanii, sagalee isaa irratti
yoo kaatan, Waaqayyo abboota keessan irratti harka isaa akkuma ol fudhate isin irrattis ol
ni fudhata." –Macaafa Saamu'eel Isa Duraa 12:15
Waan tokko of irratti gooftaa godhattanii harka isaa jala yoo of galchitan, isin
wanta sanaaf garba akka taatan hin beektanii ree? Cubbuudhaaf yoo abboomamtan du'aaf,
Waaqayyoof yoo abboomamtan qajeelinaaf ni bultu. –Gara Warra Roomaa 6:16
Isin warra rakkachaa jirtan immoo gaafa gooftaa Yesuus ergamoota aangoo isaa
wajjin waaqa irraa mul'atu nuyii wajjin kana jalaa isin ni baasa. Gooftichi ibidda boba'aa
wajjin ni mul'ata; gaafas warra Waaqayyoon beekuu hin barbaadin, warra wangeela gooftaa keenya
Yesuusiif hin abboomaminis ni adaba. Isaan kun argaa gooftaa duraa, ulfina aangoo isaa duraas
fageeffamanii badiisa bara baraatiin ni adabamu. –2 Gara Warra Tasalaniiqee 1:7-9
"Ilaa! Ani har'a eebbaa fi abaarsa si dura nan kaa'a. Abboommii Waaqayyo
gooftaa keetii isa ani har'a si abboomu kana yoo eegde, kun eebba siif ta'a; abboommii Waaqayyo
gooftaa keetii yoo eeguu dhaabaatte, karaa isaa isa ani har'a si abboomu kana irraas yoo
jal'atte, waaqayyoolii biraa warra dur hin beekne duukaas yoo buute, kun abaarsa sitti ta'a."
–Seera Keessa Deebii 11:26-28
KIRISTOOSIIN DHUGAA BA'UUN BARBAACHISAA DHA —34
Arrabni hundinuus, ulfina Waaqayyoo abbaatiif, Yesuus Kiristoos gooftaa akka
ta'e beeksisuuf jiru. –Gara Warra Filiphisiiyus 2:11
Itti fufees Yesuus, "Eenyu illee namoota duratti eenyu akkan ta'e dhugaa
ba'ee yoo mul'ise, anis abbaa koo isa waaqa irra jiru duratti dhugaa nan ba'aaf. Eenyu illee namoota
duratti yoo na gane garuu, anis immoo abbaa koo isa waaqa irra jiru duratti isa nan gana"
jedhe. –Wangeela Maatewos 10:32, 33
Hafuurri, Yesuus Kiristoos fooniin dhufuu isaa amanatee beeksisu hundinuu kan
Waaqayyoo ti; kanaanis hafuura Waaqayyoo; ta'uu isaa ni
hubattu. –1 Ergaa Yohannis 4:2
Namni Yesuus ilma Waaqayyoo ta'uu isaa amanee yoo beeksise, Waaqayyo isa keessa,
innis Waaqayyo keessa ni jiraata. –1 Ergaa
Yohannis 4:15
Yesuus gooftaa akka ta'e afaan keetiin yoo beeksifte, Waaqayyo du'aa akka isa
kaase immoo garaa keetti yoo amante fayyina bara baraa ni argatta. Namni garaa isaatti
amanee qajeelaa ta'a, afaan isaatiinis beeksisee ni fayya. –Gara Warra Roomaa 10:9, 10
Namni ilmicha ganu abbichaa wajjin firooma hin qabu; ilmicha amanachuu isaa kan
beeksisu immoo abbichaa wajjinis firooma qaba. –1 Ergaa Yohannis 2:23
"Eenyu illee anatti, dubbii koottis yoo yeella'e, ilmi namaa ulfina
isaatti, kan abbaa isaatti, kan qulqulloota ergamootaattis yommuu dhufu, isatti ni
yeella'a." –Wangeela Luqaas 9:26
SEEXANNI DIINA
KEENYA —35
Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beela'utti
aadaa naanna'utti nama liqimsuu barbaadee ni naanna'a. Dhiphinni sanyiin isa kan
keessanii kun, obboloota keessan warra guutummaa biyya lafaa keessa jiraatanitti akka dhufu
beekaatii, warra amantiitti jabaattan ta'aa, seexanaan mormaas! –1 Ergaa Phexros 5:8, 9
Ergasii Yesuus seexanaan qoramuudhaaf, hafuura qulqulluudhaan gara lafa onaatti
geeffame. Yommus Yesuus immoo, "Seexana nana, argaa koo duraa turi! ‘Waaqayyo kee
gooftichaaf jilbeenfattee sagadi isa duwwaafis hojjedhu!' kan jedhu caafameera"
jedheen. Ergasii seexanni isa dhiise, ergamoonni Waaqayyoos dhufanii isaaf ni
ergaman. –Wangeela
Maatewos 4:1 fi 10, 11
Kanaa achi, gooftaatti humna isaa isa aangooqabeessattis jabaadhaa. Haxxummaa
seexanaatiin mormuu akka dandeessanitti, mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhadhaa!
–Gara Warra Efesoon 6:10, 11
Mi'i waraanaa keenya mi'a da'oo jajjabaa jigsuudhaaf Waaqayyoof hojjechuu
danda'uu dha malee, mi'a namni foonii ittiin hojjetu miti; yaada amansiisa hin qabne isa nama
wallaalchisuuf qophaa'es ni diiga. –2 Gara
Warra Qorontos 10:4
...Jalqabumaa jalqabee inni sun [seexanni] nama ajjeesaa ture; dhugaan isa
keessa waan hin jirreef, inni dhugaa irra hin dhaabanne. Inni sobaa dha, abbaa sobaa tis....
–Wangeela Yohannis 8:44
SEEXANA MO'ACHUU —36
Ijoollonni kun foonii fi dhiiga akkuma ta'an, inni "Obboloota koo"
jedhee isaan waamu kunis akkuma isaanii ta'e; du'a isaatiin seexana isa humna du'aa qabu balleessuudhaaf
nama ta'e. –Gara Ibrootaa 2:14
Seexanni jalqabaa jalqabee cubbuu waan hojjeteef, namni cubbuu hojjetu kan
seexanaa ti, ilmi Waaqayyo immoo hojii seexanaa diiguudhaaf
mul'ate. –1 Ergaa Yohannis 3:8
"Dukkanatii gara ifaatti, aangoo seexanaa jalaas gara Waaqayyootti haa
deebi'aniif, ija isaanii ni banta; anatti amanuudhaanis dhiifamuu cubbuu isaanii argatanii, warra
qulqullaa'an gidduuttis dhaala isaanii haa fudhataniif sin erga' anaan
jedhe." –Hojii Ergamootaa
26:18a
Eenyutu jaalala Kiristoosittii gargar nu baasa? Gidiraan yookiis muddamni,
ari'atamuun, beelli yookiis qullaa ta'uun, sodaachifamuun yookiis billaan gargar nu baasuu danda'aa
ree? Waan nu irra ga'e hundumaatti garuu, karaa isa nu jaallatee mo'icha guddaa arganna.
–Gara Warra Roomaa 8:35 fi 37
Yoos harka Waaqayyoo jala of galchaa; Seexanaan immoo mormaa! Innis isin dhiisee
ni baqata. Waaqayyotti dhi'aadhaa, innis isinitti ni dhi'aata. –Ergaa Yaaqoob 4:7 fi 8a
Yeroon firdii biyya lafa kanaa amma, inni hamaan biyya lafaa kana seerratus amma
gad ni gatama. –Wangeela Yohannis 12:31
JAALALLI MALLATTOO
DUUKA BU'UMMAA TI —37
Afaan namoonni yookiis afaan ergamoonni Waaqayyoo dubbataniin dubbadhee, jaalala
yoon qabaachuu dhaabaadhe, ani akka sibiila kililchuu yookiis dibbee kosh kosh
jedhuun ta'e. –1 Gara Warra Qorontos 13:1
Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garraamummaa dha, of dhowwuu dhas.
–Gara Warra Galaatiyaa 5:22 fi 23a
Si'a lammaffaas Yesuus, "Simoon ilma Yohannis, ana jaalattaa ree?"
jedheen; yommusis inni, "Eeyyee gooftaa! Akkan si jaalladhu atuu ni beekta" jedhee deebiseef.
Yesuus immoo, "Hoolota koo
eegi!" –Wangeela Yohannis 21:16
"Isin yoo na jaallattan abboommota koo ni
eegdu." –Wangeela Yohannis 14:15
Namni, "Waaqayyoon nan jaalladha" jedhee, obboleessa isaa immoo yoo
jibbe, inni sobduu dha; obboleessa isaa isa arge kan hin jaallanne, Waaqayyoon isa hin argin jaallachuu
hin danda'u. –1 Ergaa Yohannis 4:20
"Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota
koo taatan ni beeku"
jedhe. –Wangeela
Yohannis 13:35
Nuyi obboloota waan jaallannuuf du'a keessaa gara jireenyaatti akka darbine
beekna; namni nama hin jaallanne immoo du'a keessatti hafa. –1 Ergaa Yohannis 3:14
Waaqayyoon jaalachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha; abboommonni isaa immoo
ba'aa ulfaatoo
miti. –1 Ergaa Yohannis 5:3
DU'AA KA'UU YESUUS KIRISTOOS —38
Yesuus jalqaba torbanii, [guyyaa Sanbata guddaa] ganama barii yommuu du'aa ka'e,
dura Maariyaam ishee Magdalaatti mul'ate; Maariyaam kun ishee inni hafuurota hamoota
torba keessaa baasee turee
dha. –Wangeela
Maarqos 16:9
Yesuus irra-daddarbaa keenyaaf du'atti dabarfamee kenname; qajeelummaa akka
argannuufis du'aa kaafame. –Gara Warra Roomaa 4:25
"Nuyi biyya Yihudootaatii fi mandara Yerusaalemitti, waan Yesuus hojjete
hundumaaf dhuga-baatuu isaa ti; jarris isuma mukatti fannisanii ajjeessan. Waaqayyo garuu guyyaa
sadaffaatti du'aa isa kaasee, akka inni mul'atu godhe. Haa ta'u iyyuu malee, nama
hundumaatti utuu hin ta'in, nuyi warra dhuga-baatuu isaa akka taanuuf fo'amnee du'aa ka'uu isaa
booddee isaa wajjin nyaannee dhugnetti mul'ateera." –Hojii Ergamootaa 10:39-41
Guyyaa saddeet booddees bartoonni isaa ammas walitti qabamanii mana keessa
turan, Toomaasis isaanii wajjin ture. Isaan mana cufatanii utuu taa'anii, Yesuus dhufee
isaan gidduu dhaabatee, "Nagaan isiniif haa ta'u!" isaaniin jedhe. Kana booddee
Toomaasiin, "Quba kee fidii as irra kaa'i, harka koo lamaan ilaali, harka kee fidiitii madaa cinaacha koo
keessa kaa'i; kan hin amanne hin ta'in, kan amante ta'i malee!" jedhe. Toomaasis, "Gooftaa
ko, Waaqayyo ko!" jedhee
deebiseef. –Wangeela Yohannis 20:26-28
DU'AA KA'UUN ISAA NUUF
ABDII GUDDAADHA —39
"Yerichi warri du'an sagalee ilma Waaqayyoo itti dhaga'an dhufuuf jira,
ammuma iyyuu dhufeera; warri isa dhaga'anis ni jiraatu. Waa'ee kanaa hin dinqifatinaa; warri
du'anii awwaalaman sagalee isaa yeroon itti dhaga'an ni dhufa. Isaan awwaala keessaa ni
ba'u, warri waan gaarii hojjetan jireenya agachuudhaaf ni ka'u, warri waan hamaa hojjetan
immoo firdiitti dhi'aachuudhaaf ni ka'u"
jedhe. –Wangeela Yohannis 5:25b fi 28, 29
Yookiis nuyi warri Kiristoos Yesuusitti dabalamuudhaaf cuuphamne, du'a isaattis
isatti dabalamuudhaaf akka cuuphamne ni wallaaltanii ree? Nuyi cuuphamuudhaan du'a
isaatti isatti dabalamnee isaa wajjin awwaalamneerra; Kiristoos humna abbaa isa
ulfina-qabeessaan warra du'an keessaa akkuma kaafame, nus immoo jireenya haaraatti ni jiraanna. Akkuma
du'a isaatti isaa wajjin walitti dabalamne, akkasuma du'aa ka'uu isaattis isaa wajjin walitti
ni dabalamna. –Gara Warra Roomaa 6:3-5
Kiristoos isin keessa erga jiraatee, dhagni keessan sababii cubbuutiif du'aa yoo
ta'e iyyuu, sababii qajeelummaa argattaniif hafuurichi jireenya isiniif ta'a. Hafuurri
Waaqayyoo inni Yesuusiin warra du'an keessaa kaase, isin keessa yoo jiraate, inni Kiristoosiin
warra du'an keessaa kaase, hafuura isaa isa isin keessa jiraatuun, dhagna keessan isa du'us
immoo ni jiraachisa. –Gara Warra Roomaa 8:10, 11
GOOFTAAN QULQULLUU DHA —40
Saba isaa furuudhaaf dhufe,...harka diinota keenyaa nu oolchuudhaaf, nus sodaa
malee akka isaaf hojjennu gochuudhaaf; qulqullummaa fi tolatti fuula isaa dura
jiraachuudhaaf, bara jireenya keenya hundumaatti. –Wangeela Luqaas 1:68b, 74, 75
Yaa michoota ko! Abdii kana erga qabaannee, kottaa, waanuma dhagna keenyaa fi
hafuura keenya xureessuttii of ni qulleessinaa; Waaqayyoon sodaachuutti jiraachuudhaanis
qulqullummaa fiixaan ni baafannaa. –2 Gara
Warra Qorontos 7:1
Obboloota nana! Kana irraa kan hafe immoo Waaqayyoon gammachiisuudhaaf attamitti
jiraachuun akka isin irra jiru barumsa nu irraa argattaniittu; akkuma amma itti
jirtan iyyuu caalchiftanii akka itti fuftan maqaa Yesuus gooftaatiin isin ni kadhanna, isin
ni gorsinas. Waan gochuun isiniif ta'u maqaa gooftaa Yesuusiin gorsa akka isiniif kennine ni
beektu. Waaqayyo halalummaa irraa fagaattanii qulqullummaatti jiraachuu isin irraa ni fedha.
Dhiirri adduma addaan haadha manaa qabaatee qullaa'ummaa fi ulfinatti dhagna isaa eeggachuu haa
beeku! Xuraa'ummaatti utuu hin ta'in, qullaa'ummaatti akka jiraannuuf Waaqayyo nu
waame. –1 Gara Warra Tasaloniiqee 4:1-4, 7
Inni isin waame qulqulluu akkuma ta'e, isinis adeemsa keessan hundumaan
qulqulloota ta'aa! Inni caaffata qulqullaa'aa keessatti, "Ani qulqulluu waanan ta'eef, isinis
qulqulloota ta'aa!" jedheera. –1 Ergaa Phexros 1:15, 16
GOOFTAAN QULQULLUU
DHA —41
Yesuusiis akkasuma dhiiga ofii isaatiin saba qulleessuudhaaf karra mandarichaa
duubatti dhiphate. –Gara
Ibrootaa 13:12
Inni uumamuu biyya lafaa dura iyyuu warra qulqullaa'an, warra isa duratti mudaa
hin qabne akka taanuuf, jaalalaan....Namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullummaa
dhugaatti, fakkaattii Waaqayyootiin uumame uffadhaa! –Gara Warra Efesoon 1:4; 4:24
Achi keessa karaan ni ba'a, maqaan isaas, "Karaa qulqullaa'aa" ni
jedhama; karicha irra warra furaman kana duwwaatu adeema, warri gowwoonni iyyuu isa irraa hin kaatan; namni
xuraa'aan garuu achi irra hin darbu. –Macaafa Isaayaas Raajichaa 35:8
Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu
keenya nuuf ni dhiisa, jal'ina keenya hundumaattiis nu
qulleessa. –1 Ergaa Yohannis 1:9
Wanti kun hundinuu akkasitti wal ni gad dhiisa erga ta'ee, isin namoota attamii
ta'uutu isiniif ta'a ree? Jireenya qullaa'aa, jireenya namoota Waaqayyoof ta'u jiraachuun isin
irra jira. –2 Ergaa Phexros 3:11
Namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa! Isa malee namni tokko illee
goofticha hin argu waan ta'eefis, jireenya qulqullummaaf
dha-ma'aa! –Gara Ibrootaa 12:14
Ulfina maqaa isaatiif ta'u waaqayyoof dhi'eessaa! Qulqullummaa akka mi'a
miidhaginaatti naqadhaatii Waaqayyoof sagadaa! –Macaafa Faarfannaa 29:2
NAMOOTA HAFUURA QULQULLUUN GUUTAMAN —42
"Egaa isin hamoota taatanii utuu jirtanii, ijoollee keessaniif kennaa
gaarii kennuu erga beektanii, abbaan keessan inni waaqa irraa immoo, hammam isin caalaa warra isa kadhataniif
Hafuura Qulqulluu kenna!" jedhe. –Wangeela Luqaas 11:13
Isaan kadhata afaanii fixuunii fi iddoon isaan itti walitti qabaman socho'uun,
wal faana ta'e. Hundumti isaaniis hafuura qulqulluudhaan guutamanii, dubbi Waaqayyoo ija
jabummaadhaan dubbachaa
turan. –Hojii Ergamootaa 4:31
"Ani hafuura koo isin keessa nan kaa'a, isin akka seerrata kootti akka
adeemtaniif, wanta qajeelaa ta'es gaarii gootanii akka eegdan isin nan godha." –Macaafa
Hisqi'el Raajichaa 36:27
Hafuurri Waaqayyoo yoo dhuguma isin keessa jiraate, isin akka fedha hafuuraatti
malee akka fedha fooniitti hin jiraattan; namni hafuura Kiristoos of keessaa hin qabne, kan
Kiristoos miti. –Gara Warra Roomaa 8:9
"Isin garuu, hafuurri qulqulluun yommuu isin irra bu'u, humna ni godhattu;
...dhuga-baatuu koo ni
taatu." –Hojii Ergamootaa 1:8
Haa ta'u iyyuu malee, amantoonni mandara anxokiyaa gammachuudhaa fi hafuura qulqulluudhaan guutamanii turan.
–Hojii Ergamootaa 13:52
Dhugaatiidhaan machooftanii of hin wallaalinaa, isaanis of hin balleessinaa!
Qooda kanaa hafuura qulqulluudhaan guutamaa! –Gara Warra Efsoon 5:18
ABDII
GUDDAA KIRISTAANOTAAF —43
Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhi'oo dha, warra yaadni isaanii caccabee
bullaa'es ni fayyisa. –Macaafa
Faarfannaa 34:18
"Kana hundumaa harka kootu hojjete, wanti kun hundinuus akkasuma ni ta'an;
ani gara isa gad deebi'aa fi isa hafuura cabaa, gara isa yommuun itti dubbadhu hollatuu nan
ilaala." –Macaafa Isaayaas Raajichaa 66:2
Yommus Yesuus, "Yoo dandeesse jettee? Nama amanuuf wanti hundinuu ni
danda'ama" jedheen. –Wangeela Maarqos 9:23
Michoota ko, wanti akka ibiddaa gubu isin qoruudhaaf yommuu isin irra bu'u, waan
takkaa ta'ee hin beekne waan isin irra bu'e fakkaatee, isin hin dinqifachiisin! Kiristoos
ulfina isaatiin yommuu mul'atu, gammaddanii akka ililchitanitti, hammuma dhiphina isaa keessaa
hirmaattuu taatan, isinis hammasuma gammadaa! –1 Ergaa Phexros 4:12, 13
"Inni imimmaan hundumaa ija isaaniittii ni haqa; wanti duraa waan darbeef,
egaa duuni deebi'ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si'achi hin jiru!"
jedhe. –Mul'ata Yohannis 21:4
Waaqayyoon amanadhu, wanta gaarii ta'es hojjedhu; biyyuma keessa nagaadhaan
taa'i, amanamummaas eeggadhu! –Macaafa Faarfannaa
37:3
"Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa
barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif ni kennama."
–Wangeela Maatewos 6:33
ABDII WARRA
QORAMSAAN DHIPHATANIIF —44
Inni waan ofii isaatii dhiphatee, qoramee arge keessatti, warra qoramni itti
dhufu gargaaruu ni danda'a. –Gara Ibroota 2:18
Waaqayyo inni nagaa kennu immoo dafee Seexana miilla keessan jalatti ni
caccabsa. –Gara Warra Roomaa 16:20a
Yommuu ati bishaan keessa adeemtu ani sii wajjinan jira, yommuu ati bishaan
keessa ceetus bishaan si fudhatee hin badu; ibidda keessa yommuu darbitu hin gubattu.
–Macaafa Isaayaas Raajichaa 43:2
Qoramni namatti dhufee hin beekne isinitti hin dhufne. Waaqayyo amanamaa waan
ta'eefis, humna keessan gararraatti akka isin qoramtaniif isin hin dhiisu, garuu qorama
sana keessatti akka isin dandeessan ni godha, karaa isin keessaa baatanis isiniif ni kenna.
–1 Gara Warra Qorontos 10:13
Wanti hamaan nama qajeelaatti ni baay'ata, Waaqayyo garuu kana hundumma keessaa
isa ni baasa. –Macaafa Faarfannaa 34:19
Waaqayyo warra isa jaallatan karaa hundumaa gargaaree gara gaariitti isaan ni
geessa; isaanoo warra akka akeeka isaatiitti waamamanii dha. –Gara Warra Roomaa 8:28
Cubbuutu irraa dhabame malee, angafa lubootaa isa karaa hundumaan akka keenya
qorame qabna; isa dadhabbiin keenya garaa isaa hin rukunne garuu hin qabnu. –Gara Ibrootaa 4:15
ABDII WARRA
MO'ATANIIF —45
"Inni mo'u kana itti darbee argachuuf jira; ani Waaqayyo isaa nan ta'a,
innis ilma koo ni ta'a." –Mul'ata Yohannis 21:7
"Isa mo'u sana mana qulqullummaa Waaqayyo koo keessatti utubaa nan godha;
isa keessaas matumaa hin baafamu. Maqaa Waaqayyo kootii, maqaa mandara Waaqayyo kootii,
Yerusaalem ishee haaraa ishee Waaqayyo koo biraa waaqa keessaa gad buutu, maqaa koo isa
haaraas utubaa kana irratti nan caafa." –Mul'ata Yohannis 3:12
"Nama mo'utti akkasuma uffata adiitu uffifama; ani maqaa isaa macaafa
jireenyaa, isa warri jireenya argachuuf jiran keessatti caafaman keessaa hin balleessu; abbaa koo
duratti, ergamoota isaa durattis maqaa isaa waamee kan koo ta'uu isaa nan
beeksisa." –Mul'ata Yohannis 3:5
"Ani ofii kootii mo'ee abbaa koo wajjin teessoo isaa irra akkuman taa'e,
inni mo'u anaa wajjin teessoo koo irra akka taa'uuf aboo nan kennaaf." –Mul'ata Yohannis 3:21
"Namni gurra qabu, isa hafuurri qulqulluun waldoota kiristiyaanaatiin jedhu
haa dhaga'u! Isa mo'eef muka ija isaa nyaatanii jiraatan isa jannata Waaqayyoo keessa jiruttii
nyaachuu nan kennaaf" kan jedhuu
dha. –Mul'ata Yohannis 2:7
"Nama mo'uuf, isa hojii koo hamma dhumaatti eeggatee hojjetuufis, saba hin
amanne baay'ee irratti aboo nan kennaaf." –Mul'ata Yohannis 2:26
WAAQAYYO WAA'EE
WAL-HIIKUU NI DUBBATA —46
Warri wal fuudhan akka gargar hin baane nan abbooma; kanas gooftaatu abboome
malee ana miti haati manaa abbaa manaa isheettii gargar hin ba'in! Yoo abbaa manaa
isheettii gargar baate garuu, utuu hin heerumin haa teessu yookii immoo abbaa manaa isheetti haa
araaramtu; abbaan manaas haadha manaa isaa hin baasin! Haati manaa, hamma abbaan manaa ishee
jirutti seera gaa'elaatiin isatti hidhamtee jiraatti. Erga abbaan manaa ishee du'ee garuu,
abbaa feetetti heerumuu ni dandeessi, garuu nama amanetti haa
heerumtu. –1 Gara Warra
Qorontos 7:10, 11, 39
Fakkeenyaaf dubartiin heerumte tokko, hamma abbaan manaa ishee jiraatu duwwaatti
seeraan itti hidhamtee jirti; abbaan manaa ishee yoo du'e garuu, seera isa ittiin abbaa
manaa ishee sanatti hidhamtettii hiikamuu ishee ti. Egaa akka kanatti abbaan manaa ishee utuma
jiruu, dhiira kan biraa wajjin yoo jiraatte, ejjituu jedhamti, abbaan manaa ishee yoo du'e garuu,
isheen seera sanattii hiikamteetti, dhiira kan biraatti yoo heerumtes ejjituu hin jedhamtu.
–Gara Warra Roomaa 7:2, 3
"Namni haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu hundinuu ni ejja, dubartii
abbaa manaa isheettii gargar baate kan fuudhus ni ejja"
jedhe. –Wangeela Luqaas 16:18
"Ani garuu isinittan hima, yoo isheen ejjite malee namni haadha namaa isaa
baasu, akka isheen ejjitu ni godha; namni dubartii gad dhiifamte fuudhus ni ejja"
jedhe. –Wangeela Maatewos 5:32
GOOFTAAN YESUUS DEEBI'EE NI DHUFA —47
"Yommuun dhaqee iddoo sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiru isinis
akka jiraattaniif, deebi'ee dhufeetan gara ofii kootiitti isin
fudhadha." –Wangeela Yohannis 14:3
"Yommus milikkinni ilma namaa waaqa keessatti ni mul'ata; yeroo sanatti
sabni biyya lafaa hundinuu boo'uuf jiru; ilmi namaa immoo duumessoota waaqaa irra humnaa fi ulfina
guddaadhaan dhufuu isaa arguuf jiru." –Wangeela Maatewos 24:30
"Nama dhaloota garagaggalaa dhaa fi cubbamaa kana keessatti, anatti, dubbii
koottis yeella'utti, ilmi namaa ulfina abbaa isaatiin qulqulloota ergamootaa wajjin yommuu dhufu
isatti ni yeella'a" jedhe. –Wangeela Maarqos 8:38
Michoota ko! Nuyi amma ijoollee Waaqayyoo ti; isa booddee immoo maal ta'uuf akka
jirru mul'ataa miti. Haa ta'u iyyuu malee, yommuu inni mul'atu inni akka jirutti isa
arguuf waan jirruuf, akka isaa akka taanu beekna. Akka kanatti kan isa abdatu hundinuu
akkuma isa qulqulluu sanaatti of ni
qulqulleessa. –1 Ergaa
Yohannis 3:2, 3
"Akkasuma ilmi namaa yeroo isin isa hin eegnetti waan dhufuuf, isinis immoo
qophooftanii taa'uutu isin irra jira!" jedhe. –Wangeela Luqaas 12:40
"Ilmi namaa ulfina abbaa isaatiin ergamoota isaa wajjin dhufuuf jira;
yommus adduma addaan akka hojii isaatiitti gatii isaa ni kennaaf." –Wangeela Maatewos 16:27
DUBBII WAAQAYYOO —48
"Waaqnii fi lafti darbuuf jiru, dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu"
jedhe. –Wangeela Luqaas 21:33
Caaffanni qulqullaa'aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame;
barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma ni
baasa. –2 Gara Ximotewos 3:16
Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha, daandii koo irrattis ni
ifa. –Macaafa Faarfannaa 119:105
KADHADHU, DHIIFAMAS GODHI
"Egaa yommuu kadhattan, ‘Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan
kee qulqulluu ta'ee haa eegamu; mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka ta'u,
akkasuma immoo lafa irratti haa ta'u! Soora har'aa bor nu barbaachisu har'a nuuf kenni! Akkuma
nuyi warra nu yakkaniif dhiifne, yakka keenyas nuuf dhiisi! Qoramattis nu hin galchin, hamaa
nu oolchi malee; [mootummaan, humni, ulfinnis baruma baraan kan kee ti. Ameen!]' jedhaa!
"Namootaaf irradaddarbaa isaanii yoo dhiiftaniif, abbaan keessan inni waaqa irraa immoo
isiniif ni dhiisa. Garuu isin namootaaf yoo dhiisuufii baattan, abbaan keessan immoo irra-daddarbaa
keessan
isiniif hin dhiisu" jedhe. –Wangeela Maatewos
6:9-15
DAANDII FAYYISUU WAAQAYYOO
Fayyisaan Barbaada.
Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti
hir'ateera. –Gara Warra Roomaa 3:23
Kiristoos Anaaf Du'e.
Kiristoos immoo gara Waaqayyootti isin fiduudhaaf jedhee, yeroo hundumaaf akka
ta'utti al tokkicha, cubbuu namoota baay'eetiif
dhiphateera. –1 Ergaa Phexros 3:18a
Cubbuu irraa deebi'uun fedha.
Namni irra-daddarbaa isaa dhokfatu, hin hiiqu; namni irra-daddarbaa isaa himatu,
kan dhiisus garuu araara ni argata. –Macaafa Fakkeenyaa 28:13
Amantiidhaan Yesuusiin Fudhachuun Qaba.
Hamma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta'aniif aboo isaaniif keene;
isaanis warra maqaa isaatti amananii dha. –Wangeela Yohannis 1:12
Fayyuun koo Duugaa Akka Ta'e Beekuu Nan danda'a.
Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenyicha
qaba. –1 Ergaa Yohannis 5:12
"Dhuguma, dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhaga'ee isa ana ergetti kan
amanu jireenya bara baraa qaba; inni du'a keessaa gara jireenyaatti darbe malee, gara firdii hin
dhaqu." –Wangeela Yohannis 5:24
If you are interested in receiving additional Scripture booklets, write to the publisher in English at the address below or order online:
World Missionary Press, Inc.
P.O. Box 120
New Paris, Indiana 46553-0120 U.S.A.
World Missionary Press Home Page | Go to the Top of This Page